• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaan xiyyaaraa magaalaa Yukireen Kiiv irratti taasifame Puutiin ‘nagaaf akka hin qophoofne’ agarsiisa jedhe  Zelenskiin

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Haleellaan diroonii fi misaa’ela Raashiyaa Roobii ganama Kiiv irratti raawwatameen lubbuu namaa galaafate, Raashiyaan nagaa Yukireen waliin gochuuf fedhii akka hin qabne agarsiisa jedhan Pirezidaantiin Yukireen  Volodyimyer Zelenskiin.

Gaazexeessitoonni AFP magaalaa guddoo biyyattii keessatti dhohinsi magaalattii irratti dhaga’amuu dhaga’anii, reeffa nama tokkoo kan ajjeefame pilaastikii gurraachaan haguugamee daandii caccabaadhaan guutame irratti argan.   Zelenskiin haleellaa mana jireenyaa, gamoo waajjiraalee fi bu’uuraalee misoomaa siiviilii miidheera jedhe kanaan namni tokko akka du’ee fi yoo xiqqaate namoonni afur madaa’uu isaanii beeksiseera.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin “nagaaf qophaa’aa hin jiran — lammiilee Yukireen ajjeesuu fi magaalota barbadeessuu itti fufeera,” jechuun Zelenskiin haleellaa kana booda miidiyaa hawaasaa irratti barreesse.   

”Shororkeessummaa kana dhaabuu kan danda’u tarkaanfii cimaa fi dhiibbaa Raashiyaa irratti fudhatamu qofa. Yeroo ammaa kana tokkummaa fi deeggarsa michoota keenya hunda qabsoo waraanni kun haqaan akka xumuramuuf godhamu nu barbaachisa,” jechuun dabalaniiru.

Humni qilleensaa Yukireen misaa’ela ja’a kuffisuu fi xiyyaara haleellaa Shaahed kan dizaayinii Iraaniin hojjetaman dabalatee diroonii 123 keessaa 71 rasaasaan rukutamuu isaanii ibseera jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading