ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025
Raashiyaa fi Yukireen Kamisa kaleessa akka jedhanitti, diinummaa itti fufiinsa qabu gidduutti ittisa qilleensaa milkaa’aa ta’e himachuun diroonii kudhanootaan lakkaa’aman gadi buusan.
Ministeerri Ittisa Raashiyaa akka jedhanitti, ittisoonni ittisa qilleensaa ishee naannolee hedduu keessatti halkan tokkotti diroonii Yukireen 83 addaan kutee barbadeesse.
Akka ministeerichi jedhutti, naannoo Biraayiinskii irratti diroonii 37 rasaasaan rukutamee, 12 ammoo naannoo Kursk fi Lipetsk irratti addaan cite. Dirooniin sagal naannoo Tiver keessatti, sadii tokkoon tokkoon isaanii naannoo Belgorod, Kaluga, Smolensk, fi Voronezhi irratti kufaniiru. Dirooniin tokko naannoo Rostov irratti addaan cituu isaa ministeerichi ibseera.
Ministeerichi miidhaa geessise bal’inaan hin ibsine.
Gama biraatiin ammoo waraanni Yukireen meeshaa lolaa Iraan gosa shahed 85 fi diroonii biroo halkan tokko kallattii hedduu irraa dhufan, kanneen akka Oriyol, Kursik, Biryansk, fi Pirimorsko-Akatarsk dabalatee akka addaan kute ibseera.
Dirooniin Raashiyaa hanga 52 ta’an bakka itti yaadaman bira ga’uu waan dadhabaniif, miidhaa osoo hin geessisin “bakka dhabe” jedha gabaasichi jechuun Anaadooluun gabaaseera.

