ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Murni nama nyaataan impaayerattii hawaasa meesha maleessatti irree isaa agarsiisuun loltoota isaa gubbaa hanga gadiitti bobbaasuun saamicha, hidhaa, doorsisa, ajjeechaa fi gochoota suukkaneessoo adda addaan dararaa raawwachuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa torban kana keessa namoota harka qalleeyyii ta’an jumlaan ukkaamsanii hidhaa kan jiran yoo ta’u, Gurraandhala 12, 2025 jiraattota harka qalleeyyii araddichaa “qarshii inshuuraansii fayyaa hin kennine” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Mahaammad Hasoo Ahimed,
- Misroo Mudasir,
- Hindiyaa Sharifaa,
- Mahaammad Boggaalaa fi
kanneen biroo hedduu hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha guutummaa keessatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaan saamicha irratti bobba’anii kan jiran lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabnee fi kaffaltii jedhame kaffaluu hin dandeenye dirqamsiisuun “qarshii hanga jenne fudhannu malee” jechuun jiraattota harka qalleeyyii ta’an kana ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Murni tarsiimoo hiyyeessota fayyadun of harkaa qaba, nyaata qoodaafiin jira jedhu Bilxiginnaan magaalaa keessaa maqaa misooma magaalaa hiyyeeyyii buqqisuutti dabalatee kaffaltii gaafatamtan kaffaluu diddan jechuun hidhaa jiraachuun gabaafamaa jira.


