ONM-ABO Gurraandhala 15, 2025
Finxaaleeyyiin Amaaraa murna Bilxiginnaa firoomfachuun gara jabina hamaa ta’een guyyaa guyyaan ilmaan Oromoo butanii qarshii guddaa gaafachuu, ajjeesuu, horii saamanii qalachuu fi gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabneen hiraarsuu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa bakka addaa Bijjiit jedhamu irraa finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun socho’an dararaa suukkaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatan jabeessuun Gurraandhala 12, 2025 namoota maqaan isaanii Abdallaa Mahaammadii fi Firoomsaa Kadir jedhaman ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen erga ukkaamfamanii as hanga gabaasni kun qindaa’etti kan hin argamin jiran ta’uu himuun, irra deddeebiin ganda kana keessatti ilmaan Oromoo hedduun butamanii qarshii gurguddaa gaafatamaa jiraachuu dubbatu.
Gandoota aanichaa hunda keessatti hidhattoonni Amaaraa kunneen hiraarsaa yeroo yeroon hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessuu irraa kan ka’e hawaasni yaaddoo hamaa keessa kan jiruu fi qaamoleen murna Bilxiginnaas finxaaleeyyii kana gargaaruun hawaasa gandichaa buqqisaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.


