ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Jiraataa aanaa Algee Saachii ganda Coqorsaa fi Dooyyuu kan ta’e nama maqaan isaa Jihaad Qaadiree jedhamu Gurraandhala 11, 2025 osoo inni buna ardaba 4 Baajaajiitti fe’ee gurgurachuuf gara gabaa geeffachaa jiruu ergamtoonni sirnichaa daandii irratti eeggachuun badii tokko malee konkolaachisaa isa fe’ee deemaa ture waliin ukkaamsuun guyyaa tokkoof waajjira ganda Coqorsaa fi Dooyyuutti hidhanii dararaa erga turanii booda qarshii 10,000 fi buna isaas irraa fudhatanii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namni kun hojii dhuunfaa isaaf malee siyaasa kamiif bakka kan hin kennine yoo ta’u, loltoonni sirnichaas guyyichi guyyaa gabaa waan ta’eef daandii irratti ba’uun namoota hedduu gabaa deemaa turan oliif gadi goolaa kan turan ta’uunis eeramee jira.
Kana malees, godinuma kana magaalaa Mattuu keessaa dargaggoo Issubaaloo Garramuu jedhamu ammoo baatii 3 dura irreecha Malkaa Soor irratti sirba Jaal Marroo faarsu sirbite jechuun poolisoonni sirnichaa ukkaamsuun gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Magaalicha keessatti maqaa ijaarsa Kooriidarii jedhuunis ergamtoonni Bilxiginnaa haadha hiyyeessaa imimmaan boochisuu itti fufanii jiraachuun dabalataan ibsameera.



