ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025
Hoogganaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees erga loltoonni M23 magaalaa guddoo bulchiinsa bahaa Bukaavuu haleelaniin booda “tokkummaan naannoo” Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) eegamuu qaba jedhan.
Sanbata kaleessaa walga’ii Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinneetti taa’ame irratti haasawa taasisaniin, Guterees “balaan naannoo aarsaa kamiinuu hambifamuu qaba” jedhan. Qaamni biyyoota 55 of keessaa qabu kun walga’aa kan jiru yeroo loltoonni Ruwaandaan deeggaraman M23 buufata xiyyaaraa Kavumu kan magaalaa guddoo bulchiinsa Kivu Bukavu tajaajilu to’achuu isaanii himaniin booda.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka jedhanitti kaleessa ganama Bukavu keessatti dhohinsi kan dhaga’ame yoo ta’u, lubbuun namootaa darbuunis gabaafameera.
“Amma M23 qabeenya albuudaa bal’aa kan qaban Kiivu fi Kiivu Kaabaa lamaan isaanii to’annaa jala oolcheera.”
Ruwaandaan M23’f deeggarsa waraanaa kennuu haaltus garuu gareewwan Hutuu ciccimoo DR Koongoo keessa jiran nageenya ishee balaaf saaxilu jechuun himatteetti. Gabaasni ogeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara darbe Kiigaaliin loltoota gara 4, ta’an DRC keessatti kan tursiifte yoo ta’u, garee finciltootaa kana hogganaa jiraachuu ishee ibseera jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

