• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufan

Feb 19, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 16, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi murna Bilxiginnaa firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru. 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Arusee jedhamu irraa Gurraandhala 14, 2025 hidhattoonni Amaaraa akkuma kana dura ilmaan Oromoo haala suukkaneessaa gurraan dhaga’uuf namatti hin tolleen hiraarsuu amaleeffatan, konkolaataa 4 osoo inni bakka Caruu jedhamuu boqqolloo fe’ee gara magaalaa Angar Guutee imaluu karaatti dhaabuun saamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Boqqolloo konkolaataa 4 saamame keessaa 2 Siinoo hoggaa ta’u, 2 immoo ISUZU ta’uu himuun, bakka Arusee jedhamu kanatti saamichi hidhattoota kanneeniin ilmaan Oromoo irratti raawwatu irra deddeebiin ta’uunis dabalataan ibsameera.

Gareen saamichaaf ijaarame kun qabeenya hawaasa Oromoo saamuun dinagdeen of ijaaraa kan jiranii fi addatti naannoo ganda Obaancii fi Tulluu Arbaa jedhamu mandheeffachuun hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuun namoonni itti dhiyeenyaan beekan nidubbatu. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading