• Wed. Jan 14th, 2026

Qabxiiwwan Ijoo Lamaa Marii ABO fi KFO’n Sirnicha Waliin Godhuuf Deeman Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Feb 22, 2025

Ibsa dhiheenya kana kennine keessatti, tarkaanfiiwwan walduraa duubaan Oromiyaa keessatti WBO irratti fudhataman erga fashalaa’anii booda, mootummaan Abiyyi tarkaanfiiwwan abdii kutannaa birootti akka gargaaramu jalqabee, adda durummaan ammoo paartilee Oromootti fayyadamuun rakkoo fudhatamummaa isa mudate keessaa bahuuf akka karoorfate jala murree ibsinee turre. Yeroo ammaa, marii sirnicha waliin godhamu kana dura, yaa´iin adda durummaan ABOn qophaa´ee fi KFOn irratti affeerame eegalamee jira. Marii ABO-KFO fi sirna Abiyyi gidduutti taasifamuuf deemu kana fudhatama qabeessa taasisuuf yaadni sirnichi irra deddeebiin kaasu lama, isaanis: (A) akkuma WBOn Taanzaaniyaatti marii irratti hirmaate, ammas marii yaaluun miidhaa hin qabu, kan jedhu, fi (B) “Humnoonni Kaabaa humna isaanii cimsuun mootummaa irratti balaa waan ta’aniif, Oromoon tokko ta’ee sirnicha tiksuu qaba.” kan jedhu.  

A) Marii irratti bobba’uun miidhaa tokkollee hin qabuun Soba  

  1. Walqixxummaa Sobaa WBO fi Paartiilee Oromoo Finfinnee jiran jidduu

Akkuma WBOn Taanzaaniyaa keessatti sirnicha waliin wal arguun haasa’e, paartileen Finfinnee jiranis sirnicha waliin marii gochuun rakkoon hin qabu yaadni jedhu hundee irraa dogoggora. WBO’n sirnicha dirqeetu mariitti seene. Kunis, humna hidhate mataa isaan kan ajaju waan qabuuf, dandeettii sirnichi qabeenya Oromiyaa to´achuu waan irraa mulqee fi madda bu’uura gibiraa fi galii guddaa sirnichi irratti hirkate too’atachuudhaani. Qabxiileen kunneen, WBO’n marichatti irratti humna dirqisiisuu akka argatu kan taasisan yoo tahu, human kana gurmeessanii dantaan ummata Oromoo otoo hin sharafamiin akka tarkaanfachiifamu dandeessiseera.   

Faallaa kanaatiin paartileen siyaasaa Oromoo Finfinnee keessa jiran sirnichaan moggeeffamanii, humna siyaasaa cimaa akka hin ijaarre dhorkamanii jiru. Kana irraa kan ka´e, dhiibbaa hiika qabu sirnicha irratti uumuu sadarkaa hin dandeenyerra gessifamaniiru. Mariin qaamolee humna wal irraa fagoo qaban gidduutti  raawwatamu kamiyyuummoo madaalawaa waan hin taaneef adeemsichi diraamaa Abiy Ahmad fudhatamaa taaasisuu fi sirna isaa Oromiyaa keessatti du’aa jiru deebisee bayyaannachiisuuf hojjetu irra darbuu hin danda´u.

  • Qaami 3ffaa walaba tahee fi taajjabu dhibuu

Mariin WBO’n Taanzaaniyaa keessatti godhe ulaagaalee idil-addunyaa kan guute yoo ta’u: biyya sadaffaa walaba keessatti kan gaggeeffame fi to’annoo taajjabdoota loogii irraa bilisa ta’aniin, akkasumas haala bakka bu’oonni marii bilisaa ta’anii dantaa ummata keenyaa leellisuu danda’an keessatti raawwatame. Faallaa kanaatiin mariin ABO-KFO’n Finfinneetti taasifamu to’annoo kallattii sirnichaa jalatti fi to’annoon qaama sadaffaa walabaa bakka hin jirretti kan gaggeeffamudha.

Mariin to’annoo sirna cunqursaa jalatti, maallaqa sirnichi kenneen deeggaramuun gaggeeffamu, yeroo hundumaa sirnicha  qofa fayyadamaa akka godhu seenaan irra deddeebi’ee agarsiisa. Waamichi amma Abiy Ahmad mariif godhaa jiru kun dhugaa irratti kan hundaa’e  osoo hin taane mormitoota liqimsuuf tooftaa shallaggamedha. Bu’aan marii akkanaa sirnicha qofaaf akka fayyadutti dursee kan ifatti mul´atu dha. Hogganni partilee mormitootaa wixinee Abiy Ahmed marii kana irratti dhiyeessu fudhatanis, fudhachuu baatanis Abiy fayyadamaa ta’uun isaa gamanumaa mirkanaa’aa dha. Mariin kun isaaf milkaa’e hogganni mormitootaa yaada isaa yoo fudhatan, dantaa dhuunfaa muraasa guuteefii aangoo isaa cimsata. Hogganni mormituu didee dantaa sabaaf yoo dhaabates, Abiy Ahmed adeemsa nagaa turetti fayyadamee Oromiyaa fi akka biyyaatti, akka hogganaa Oromoo waliin nagaa buusuuf fedhii qabuutti deebisee of ijaaruuf carraa argata. Garuu, gara lamaniinuu, mormitoonni fi dantaan Oromoo bu’aa homaa hin argatan.

B) Tokkummaa Oromoo Ijaaruun Mootummaa Abiy Tiksuu Jechuun Maal Jechuu Dha?  

Sirnichi paartilee Oromoo waliin kan haasa´aa jiru “Humnoonni kaabaa  mootummaa irratti balaa ta’uuf carraaqqii isaanii cimsaa waan jiraniif, Oromoon tokko ta’ee mootummaa tiksuu qaba” jedheeti.  Oromoon tokko ta´ee barcuma Abiy Ahmed haa tiksu jechuun maal jechuudha? 

Tokkoffaa, Abiy Ahmad Oromoon mootummaa tiksuuf tokko ta’uu qaba jedhee yommuu dubbatu, hooggantoonni mormitootaa al-kallattiin “sirni amma jiru mootummaa Oromooti” jettanii fudhattuu jechaa jira. Abiy Ahmed guutummaa Oromiyaa keessatti “mootummaa Oromoo” ofiin jedhee bu´uura hawaasaa argachuuf irra deddeebiin carraaqqii godhus, hawaasa bal’aa jalaa eenyummaa isaa isa  dhugaa dhoksuu hin dandeenye. Ummanni keenya sirni aangoo irra jiru kun fudhatama tokkollee isa irraa kan hinqabne qofa osoo hin taane, sirnichi namoota hawwii fi yaada sochii Qeerroo butatanii fi ganan, seenaa xuraa’aa sirnoota darban jalatti kan beekamanii fi kanneen hanqina mul’ataa fi gahumsa hoggansa gadi fagoo qabaniin kan hoogganamu ta’uu ni hubata.

Yeroo kanatti “humni Oromoo” mootummaa ta´ee tikfamu akka hin jirre hundaaf ifaadha. Wanti jiru sirna ukkaamsaa kashalabbee fi cunqursaa ummata Oromoo irratti itti fufsiisu-sirna diigamuu qabu malee dhiiga Oromoo ittifamuu miti. Wanti nama ajaa’ibu garuu dhugaan kun ummata biratti kan hin haalamne ta’ee osoo jiruu, Abiy Ahmed ammallee hojii kana dirqiin hoggantoota mormitootaa fudhachiisuuf yaalaa jiraachuu isaati.

Lammaffaa, aangoo mootummaa “humnoota kaabaa” irraa eeguuf Oromoon tokko ta’uu qaba jechi jedhuu Qabsoo Bilisummaa Oromoof arrabsoo dha. Abiy Ahmed Oromoo tokko tahee warra kaabaa irraa na haa oolchu gaafa jedhu, siyaasni Oromoo jibbaa fi diinummaa warra kaabaa irratti kan bu’uureffame malee ajandaa siyaasaa ummataa hin qabu jechaa jira. Kun Oromoof arrabsoo qofa miti. Qabsoo seena qabeessa Oromoo, kan yeroo hunda gaaffii uummataa irratti hundee godhate jal’isuun, warra maqaa balleesssa ture gargaaruu dhas. Tarkaanfiin kunis ilaalcha doggoggoraa, maalummaa sochii Oromoo isa dhugaa jallisu yeroo dheeraaf ture itti fufsiisuuf gocha raawwatame dha.

Qabsoon Oromoo jibbaan kan oofamu osoo hin tahin falmii haqaa, walqixxummaa, fi hiree murteeffannaa irratti kan bu’ureffame dha.  Qajeeltoowwanii fi kaayyoon isaas ifaadha. Haaluma kanaan qabsichi kan bu’uureffame mirgaa fi ulfina ummata keenyaaf barbaaduu irratti malee diinummaa garee kamiituu irratti miti. “Tokkummaa Oromoo” Abiy jechaa jiru, sochii Oromoo akka sochii “jibba warra kaabaa” irratti hundaa´e godhanii dhiyeessuun fudhatamiinsa sochichi saboota kaan biratti qabu dhabsiisuuf itti yaadamee kan qophaa’e dha. Hawwiin ummata Oromoo siyaasa dhiphoo diinummaa sabaa wayii irratti kan hundaaye otoo hin taane, bu´uura haqaa fi bilisummaa addunyaa marti irratti walii galte irratti hundaa´a.

Sadaffaa, Abiyyi Ahmad—nama “hoggansi” isaa torban torbaniin garee jijiirrachuu, fira duubaan waraanuu, fi gantummaatiin ibsamu waliin “tokkummaa” tolfachuu yaadni jedhu ulagaa kamiinuu fudhatama hin qabu. Bara jalqabaa deeggarsa qabu sana, deggersa ummata Amaaraa fayyadamee Oromoo irratti duule. Dura WBO, booda ABO, KFO, fi namoota ijoo dhaaba isaa keessa illee jiran irrattillee waraana bane. Yeroo sana kaayyoon Oromoo cabsee, Oromiyaa diiguu ture. Bu’uurri deeggarsaa sun, hirmaannaa  biyya alaatiin utubamee, boodarra Tigraaytti duule.  

Har´a humnoota Oromiyaa fi Tigray irratti waliin duulee dulchisaa ture waliin yeroo wal dhabu, yaalii abdii kutannaa biraa aangoorra turuuf godhamu keessatti, gara paartilee Oromootti fuulleffateera. Abiy Ahmed, waggaa tokko dura, adda durummaan dantaa Amaaraa kabachiisuuf dhiiga Oromoo jigsaa ture, har´a ija ashaboon dhiqatee “Oromoon tokko ta´ee warra kaabaa irraa nahaa tiksu” jechaa jira. Dhugaan lafa jira: baroota jahan darban keessa gareen Abiy Ahmed ijaaree, itti fayyadamee, ganee keessaa hin baane hin jiru.  

Oromiyaa keessattis tokkummaa Oromoof gufuun inni jalqabaa Abiy Ahmed ta´uu irra deddeebiin mirkanaahee jira. Abiy Ahmed waliin tokkummaan argamu hin jiru. Hattuu waliin waan bade barbaadanii hin argan.  

Afraffaan, Abiy Ahmed “warra kaabaa irraa na oolchuuf Oromoon na jalatti tokko haa ta´u’’ jechaa kan jiru, ajjechaa, du´aa fi gadadoo mul´atee hin beekne ummata keenya irratti yeroo robsuu itti fufee jiru kanatti. Har´a yeroo maanguddoonnii fi hoggantoonni mormitootaa Finfinnee keessatti Hoteelota qananii babbareedoo fi galmootaa faayaman keessatti wal gahii taa´an kan, sirnichi gidiraa kanaan dura argamee hin beekne ummata keenya irraan gahuun akkuma itti fufetti jira.

Gabaabumatti, Abiy Ahmad waliin tokkummaa Oromoof hojjenna jechuun: 1) Abiy dhuguma mootummaa Oromoo akka hoogganu mirkaneessuufii ta’a. 2) Gaaffiin siyaasaa Oromoo ajandaa siyaasaa lakkahamee beekamu otoo hin taane, jibbaan kan masakamu ta’uu raggaasisuu ta´a. 3) Abiy Ahmad akka michuu siyaasaa amanamaatti ilaaluu dha. 4) Gocha Abiy yeroo amma Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru fudhatama qaba jedhanii mirkaneessu taha. Filmaanni jiru ifa.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Gurraandhala 20, 2025

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading