ONM-ABO Gurraandhala 17, 2025
Abbootiin irree Impaayerattii namoota nagaa ajjeesuu, reebuun dararuu fi ukkaamsanii dhabamsiisuu aadeeffatan qe’ee uummata nagaatti gaddaa fi gadadoo galchuu jabeessanii itti fufuun Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Jirmaatti Gurraandhala 16, 2025 dargaggoo maqaan isaa Jiraataa Gurmuu jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Murni Bilxiginnaa gaaffiilee abbaa Biyyummaa uummata Oromoo meeshaa lolaan deebii kennuudha jedhee kan amanu meeshaa lolaa fi dandeettii waraanaa isaas jabeessuuf uummata nagaa irratti guyyaa waraana labsee kaasee dirqiin ilmaan Oromoo ukkaamsee dirree waraanaatti ergee sabuma Oromoo irratti bobbaasaa akkuma ture har’as itti fufuun, Guraandhala 15, 2025 ona Qilxuu Kaarraa keessaas dargaggoota hedduu ukkaamsanii gara dirree leenjiitti guuraa jiraachuun ibsameera.
kanneen maqaan isaanii hin ibsamne sadii Gurraandhala 15, 2025 gandicha irraa loltoota faashistii PP’n akka qabaman ifoomeera.
Namoonni ukkaamfan hedduu kan ta’an oggaa ta’u, jiraattota ganda Guyyoo Lalisaa keessaa namootni maqaan isaanii:
- Malaakuu Saaqqataa
- Abaataa Hoggaa fi




