• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

Feb 25, 2025

ONM-ABO Guraandhala 18, 2025 

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Guutee Amuumaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Darajjee Gazzaanyi,
  2. Taatuu Qannoo,
  3. Waaqumaa Darajjee fi
  4. Bayyanaa Misgaanaa kanneen jedhaman 

badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf torban tokko dura ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka maddeen keenya gamasii himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; Dafaa galchaa, yoo galchuu diddan, manuma hidhaa kana keessatti dhumtu” jechuun doorsisaa jiraachuun ifoomee jira. 

Akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa gurguddan loltoota Abiy Ahimediin uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun ukkaamfamuun achi buutee dhabamsiifamaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading