• Tue. Jan 13th, 2026

Iraan sagantaa niwukilaraa ishee ittisuuf duubatti hin jettu jedhan ministeerri haajaa alaa biyyattii

Feb 25, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 18, 2025 

Wiixata kaleessaa Iraan sagantaa niwukilaraa ishee ittisuuf duubatti hin jettu jedhan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaayel Bagaayiin. Kunis Israa’elii fi Ameerikaan hawwii niwukilaraa Iraan qolachuuf erga dhaadatanii booda

“Sagantaan niwukilaraa nagaa Iraan itti fufee jira, waggoota kurnan sadan darbaniif, mirga Iraan akka miseensa waliigaltee meeshaa niwukilaraa babal’achuu dhabuu irratti qabdu irratti hundaa’ee jira… gama kanaan dadhabina tokkollee hin agarsiifnu,” jedhe.

Israa’elii fi Ameerikaan hawwii niwukilaraa Iraan fi dhiibbaa isheen Baha Giddu Galeessaa keessatti qabdu fashaleessuuf kutannoo qabaachuu isaanii Ministirri Muummee Israa’el Benjamin Netaaniyaahuu Dilbata darbe Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin Yerusaalem keessatti erga wal arganii dubbatanii turan.

Ruubiyoon akkas jedhe: “Gareen shororkeessaa hunda duuba, gocha jeequmsaa hunda duuba, gocha tasgabbii dhabsiisuu hunda duuba, waan nagaa fi tasgabbii namoota miliyoonaan lakkaa’aman  balaadhaaf saaxilu hunda duuba Iraantu jira” jedhee dubbachuu isaa Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading