ONM-ABO Gurraandhala 19, 2025
Saamichi tibbana akkuma guutuu Oromiyaatti jabaatee jiru cimee itti fufuun, Gurraandhala 10, 2025 irraa eegalee murni maafiyaan PP aangoo dhuunfaa tikfachuun beekamu maqaa kaffaltii garaa garaatiin godinaalee Gujii lamaanitti uummata burjaajjessaa jiraachuun ibsameera.
Keessattuu torbee kana keessa maqaa Raayyaan ittisa impaayerattii gara mooraatti deebi’a isinumatu biyya eeggata kanaafuu ganda tokkoof milishaadhaaf qawwee AKM 12, PKM 1 fi Isnaayipeerii 1 bitamuu qaba maqaa Jedhuun uummata haalli qaala’iinsa jireenyaa dararaa jiru dirqamaan maatiin tokko akka gandaatti qarshii 50,000 -100,000 kaffaluu akka qabu lukkeeleen Bilxiginnaa dirqisiisaa jiraachuu jiraattonni godinaalee kanaa Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni jedhanitti yeroo ammaa kana godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa gandoota akka Kallacha Hachee fi Qilleensoo Mokkonniisaa keessatti hojiilee Saamichaa kana kan jalqaban oggaa ta’u, godinuma kana aanaa Galaanaa ganda akka Shamoolee Shidaa irrattis Kaabinee aanaa Galaanaa kan ta’e nama maqaan isaa Galma Bolee Koyyoo jedhamuun uummatni dirqamsiifamaa jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.



