ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti jiran akkuma argan bobbaafamuun ajaja qaama isaanii olii irraa itti kenname guutanii gammachiisuuf jecha namoota nagaa siyaasa tokkollee hin hordofne maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun miidhaa irraa ga’uun hiraarsuu hammeessanii jiru.
Aanaa Limmuu gandoota adda addaa irraa ergamtoonni sirnichaa yeroo adda addaatti hawaasa nagaa meesha maleessa sobaan yakkuun saamichaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa jiran, ganda Caffee Jireenyaa jedhamu irraa Gurraandhala 16, 2025 badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun namoota maqaan isaanii Baayyoo Dabalaa fi Gaaddisaa Dabalaa jedhaman jalaa manaa fi meeshaalee mana keessa jiran guutummaatti abidda itti shiduun barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabnee fi hojii idilee isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa immoo sobaan yakkuun mana isaanii jalaa barbadeessuu dubbatu.
Aanicha guutummaa keessatti maqaa adda addaa hawaasatti maxxansuun yakkanii hidhaatti darbuu, achitti qarshii gurguddaa gaafachuu fi maatii qabsaa’otaa ammoo yeroo yerootti mana mana isaanii irra deemuun “dafaa ijoollee keessan galchaa” jechuun doorsisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

