ONM-ABO Gurraandhala 20, 2025
Aanaa Horroo gandoota garaa garaa irraa hidhattoonni Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhuun socho’an yeroo adda addaatti gochoota suukkaneessoo gurraan dhaga’uuf illee namatti hin tolle hunda raawwachuun miidhaan isaan raawwatan lakkaa’amee hin dhumu.
Ganda Lakkuu Igguu bakka addaa Shuunnii jedhamu irraa gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa daa’ima waggaa 7 maqaan ishee Maartaa Mootii jedhamtu Gurraandhala 17, 2025 halkan keessaa naannoo sa’atii 6:00’tti osoo maatiin duukkaa boo’anii maatii biraa ukkaamsuun achi buutee faana ishee dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Maartaan barattuu kutaa 1’ffaa kan taatee fi hidhattoonni kunneen nama sadii ta’uun dhufanii kan ishee butan yoo ta’u, aanicha keessaa shamarran xixiqqoo butuun kan jalqabaa kan hin taanee fi gochi suukkaneessaan akkasii irra deddeebiin raawwatamaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

