A. “Adeemsi Nagaa” kun Karooraa fi Degggarsa Mallaqaa Abiy Ahmediin as Bahe
Paartileen siyaasaa Oromoo waltajjii kana gara hiree dantaa ummata keenyaa tarkaanfachisuuf jecha kan itti carraaqqii godhan yoo himanillee, konfiraansiin ABO fi KFOn Finfinneetti gaggeeffamee fi mariin itti aanee sirnicha waliin taasifamuuf yaadame, bu’uuraan piroojektii Abiy Ahmad tahuun ifa ta´ee jira. Mariin kun akka jalqabamu kan wixine Abiy Ahmadi. Maddi faayinaansii marichaas Abiy Ahmadidha. Karoora ofii irratti hundaahuun, adeemsi marii kanaas hanga eessaatti akka deemuu fi dhaabbatu kan to’atatu, kan murteessu Abiy Ahmadi. Akkasumas, konfiraansii kanarratti paartileen lamaani fi maanguddoonni qofti akka hirmaatan gabaasni dhiyaatus, yoo xiqqaate miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa (ENDF) fi Damee Basaasaa irraa namoota kudha tokko (11) irratti argamaniiru. Jarroliidhan dhimma WBO yeroo gaafatamu, sirnichi Afrikaa Kibbaa keessatti WBO waliin dhoksaan mari’achaa jirra jedhee maanguddootaa fi hooggantoota mormitootaa sobuudhaan marii kana eegalchiise.
Jalqabarraa, maanguddoonni achitti argaman deggarsa maallaqaa sirnichaatiin filataman. Maanguddootni kun uummata Oromoo akka bakka bu’aniif hawaasicha irraa itti gaafatamni itti kennamne hin jiru. Aadaa oromoo keessatti Jaarsummaa kan duudhaa kabajamaa fi bakka guddaa qabu, Abiy Ahmed garuu qumaara siyaasaaf itti fayyadamaa jira. Qumaarri siyaasaa kun dhaabbata jaarsummaa Oromoo kabajamaa salphisuu qofa osoo hin taane hoggantoota mormitootaa ofii isaaniis ulfina dhabsiiseera. Sirnichi, gama tokkoon mormitoonni mootummaa cehumsaa hundeessuu dabalatee gaaffiin akka kaasan hayyamaa; gama biraatiin immoo gaaffilee akkasii dhiheessan jedhanii itti qoosuuf miidiyaan isaa irratti bobbaafame.
Konfiraansii booda ibsa baheen maanguddoonni sirnichaan deeggaramanii dhufan kunneen paartilee lamaan kanaaf “itti gaafatamummaa jabaa” akka kennan ibsameera. Itoophiyaa Abiy Ahmad akka barbaadetti bulchu keessatti qofa paartiileen mormituu waajjira isaanii banuun hin hayyamamneefiitti, gareen jaarsolii akka-feeteen filaman, itti gaafatamummaa waraana dhaabsisuu, nagaan eegsisuu fi akkasumas mootummaa hundeessuu kennuu dandahuun gaaffii dha. Kun bu´uura seeraa maliin, humnaa fi dandeettii hojiitti hiikuu kamiin akka hojii irra ooluu akka dandahu, namni gaafate hin jiru. Silaa nama hubatuuf dubbiin qumaara siyaasa Abiy Ahmed irra akka hin darbinetti, otoo hin fagaatiin, otoo burjaajii biraa keessa hin seeniin, sadarkaa kana irratti ifa ta´uufii mala ture.
Ibsi paartileen basan qumaara siyaasaa Abiy Ahmed alatti, of dandahee yoo ilaalame illee, yaadni inni of keessaa qabu furmaata waaraa kan hin taanee fi dhimmoota ijoo biyyitiin amma keessa jirtu furuu kan hindandeenye. Rakkoo hatattamaa biyyattii kan ammaa inni ijoon tokko Abiy Ahmed mataa isaati. Rakkoo karaa Abiy Ahmed akka “hoogganaatti” amma jiruuf furmaata hin kennu. Akkasumas rakkoo hundee caaseffama siyaasaa biyyattii keessa jiran hundeen kan hin hiikne.
Kana malees, ibsi konfiraansii booda bahe, WBO bakka bu’ee, ga´ee isaaf ramadee ibsa. Kun yeroo kanatti dhimma falmisiisaa jalqabaa tahuu baatus—dhugaan lafarraa ofumaa waan dubbatuuf-WBO’n dhaaba siyaasaa fi waraanaa walaba of dandahee fi bakka bu´ummaa mataa isaa qabu tahuu jala sararanii ibsuun murteessaa dha. Qaamni siyaasaa kamiyyuu hoggansa WBO waliin marii tokko malee WBO bakka bu´uu, WBOf itti gaafatamummaa fudhachuu yookaan gahee isaa murteessuu hin dandahu.
B. Abiy Ahmad Projektii Kanaan Maal Galma Gahachuu Barbaade?
1. Oromoo fi Oromiyaa Deebisee Kiyyoo Keessa Galchuu
Abiy Ahimad bakka bu´uura hawaasaa (constituency) kan hin qabnee fi deggersa armaan dura alkallattiin jalqaba irra argachaa ture dhabee, kutaa hawaasaa hunda irratti lola keessa tureera. Partileen mormitoonni Oromiyaa keessa jiran dhimmoota belbeltuu akka kaasanii fi ibsa isaanii keessatti, mootummaan cehumsaa jiraachuu akka dandahu akka akeekan hayyamuun miira gammachuu Oromiyaa keessatti uumuun, miira haaraa kana iratti rarra´ee caasaa cunqursaa fi saamichaa OPDO kan WBOn baroota darban keessa mancaase deebisee diriirsuu barbaada.
Sirnichi abdii umame kanatti dhimma bahuun, yeroo itti hin fudhanne. Akkum mormitoonni ibsa baasaniin, guutuu Oromiyaa keessatti ”konfaransii nagaa” qopheesse. Abdii sochii fi ibsa mormitoonni dhiheenya kennan kanarraa madde kamiyyuu fayyadamuun saba keenya caasa ofii jalatti deebisanii garboomsuuf qophaahe. Sirnichi tattaaffii kana akka bu’a qabeessaatti yoo fudhate, torban dhufan keessatti maqaa mootummaa “ce’umsaa” ykn “tokkummaa” jedhu dahoo godhachuun, hoggantoota mormitootaaf muudama kaabinee illee kennuu mala. Yoo bu´aan argame quubsaa tahuu baate, diraamaa isaa asuma irratti goolabuuf dirqama. Kun waan walumaan ilaallu taha.
Mormitoonni, projektii qumaara siyaasaa sirnichaan jalqabaman, maallaqa sirnichaan deeggaramanii, fi tohataman irratti hirmaachuun isaanii dura, duubbee yaadichaa, sirnichi maal karoofatee akka isaan yaamee fi dhiibbaa siyaasaaa yeroo gababaa fi dheraa, gadi fageenyaan madaalutu irra ture. Asirratti, keessattuu hoggansi KFOn of eeggannoowwan inni gochaa tureef beekamtii kan kenninu yoo tahe illee, meeshaa sirnichaa akka hin taaneef ammas of eeggannoo daran akka cimsan gaafanna. Mariin akkanaa dhimma ummata keenyaaf bu’aa qabatamaa osoo hin argamsiisin, sirna ummata keenya fixaa jiru deebisee bayyanachiisuuf kan oolu waan tahuuf, “osoo qabsoofnu haasofna” jechuun qofti gahaa hin tahu.
Sirnicha waliin walitti dhufeenyi taasifamuu kamuu qabsoo Oromoo ni cimsamoo ni laaffisa jedhanii madaaluun dirqama. Hanga ammaatti ragaaleen hundinuu akka agarsiisanitti, faayidaa isaa caalaa miidhaa akka qabu agarsiisa. Qumaara siyaasaa sirnichaa irratti hirmaachuurra, yeroo kanatti mormitoonni sirnichi jijjiirama bu´uuraaf waadaa galuu fi WBO waliin marii hiika qabu irratti akka bobbahu gaafachuutu malan. Sirnichi kana akka hin fudhanne kan hubannu yoo taheyyuu, ejjennoo kana tarkaanfachiisuun mormitoonni wixinee qumaara siyaasaa sirnichi dhiyeesseef kana kalattii sirrii tahetti qajeelchuun dirqama isaanii akka bahan taasisa. Ummanni keenya dammaqinaa fi of eeggannoon dhimmoota deemaa jiran hordofuu qaba. Tooftaan akkanaa kan yeroo jalqabaa miti. Abiy Ahmad kanaan dura qumaara siyaasaa sobaa hedduu qindeessaa tureera. Dhimmoonni Finfinnee keessaa as bahan hundi tohannoo sirnichaa jalaa kan hin baane tahuu irra deddeebiin arginee jirra. Gammachuu fi mirqaansaf ammatti sababni hin jiru.
- Dhimmoota Falmisiisoo Belbelsuun Ummattoota Biyyattii Gidduu Wal-Shakkii fi Wal-Dhibdee Uumuu
Kallattii hundaan waraana irratti baname of-irraa qolachuuf, konfiraansii mormitootaa ammaa durallee sirnichi dhimmoota daangaa falmisiisaa kanneen akka Dirre Dhawaa, Madda Walaabuu, fi Mooyyalee ajandaa taasisuu jalqabee ture. Amma ammoo, dhimmoota ummattoota biyyattii gidduutti qoqqoodinsa guddisan kana konfaraansii mormitootaa kana fayyadamuun akka as bahan taasisaa jira. Tarsiimoon sirnichaa ifa: dhimmoota qoqqoodiinsa uuman, kanneen akka daangaa Oromiyaa fi dhimma Finfinnee, ajanda godhachuun ummata biyyattii gidduutti wal shakkii fi wal dhabbii facaasuun fincila fi waraana kallattiin Abiy Ahmed irratti goolee biyyattii hundaa irraa godhamaa jiru dadhabsiisuu dha. Ummanni biyyatti Abiy Ahmediin loluu dhiisee akka ofii wal lolu taasisuuf itti yaadame waan hojjetame.
Ummanni Oromoo Finfinnee fi bakkoota kaan ilaalchisee gaaffii seera qabeessa akka qabuu ifa galaadha. Haata´uutii Abiy Ahmed dhimmoonni kun akka ajandaa tahan kan taasisaa jiru, gaaffii Oromoo deebisuuf otoo hin taane, gaaffilee kana gargaaramee waraana isa irratti jabaachaa jiru gara waraana sabootatti jijjiiruufi. Gaaffilee kana ilaallatee ejjannoon Abiy Ahmed beekamaa dha. Qumaara siyaasaa kanaa alatti, har´a gaaffileen kana bilisaan magaalaa Finfinnee keessatti kaasuun gonkumaa hin yaadamu. Kanaafuu, yeroo ammaa xiyyeeffannoon keenya kan duraa kan tahuu qabu, sirna guyyaa guyyaan ummata keenya irratti jeequmsa/goolii raawwatuu fi gaaffii saba keenya dura dhaabbatu kana diiguu tahuu qaba. Gaaffilee keenya qaamolee dhimmi ilaalu waliin mariin itti adeemna. Hawaasa guutuu biyyattii hundaaf dhaamsi dabarsinus kanuma: yaalii Abiy Ahmad wal-dhabdeewwan bobeessee babali’suuf gochaa jiruun, yaadni keessan akka hin hiramne; dhimmoonni kunneenis yeroo isaanii eeggatanii mariidhaan kan ilaalaman taha. Ammaaf xiyyeeffannaan hunda keenya sirna isa hunda keenya cunqursaa jiru kana maqsuu tahuu qaba.
- Mormitoota Oromoo Giddutti Qoqqoodinsa Uumuu
Kaayyoowwan Abiy Ahmad keessa inni tokko mormitootaa Oromiyaa jidduutti diinummaa facaasuu dha. Murtiin waloodhaan nuti fudhannu, bulchiinsa isaa naannicha keessatti laamshahaa jiruuf rukuttaa dhumaa akka tahe sirriitti ni hubata. Carraa kana isaaf kennuu hin qabnu. Dhugaa jiru otoo hin dhoksiin walitti himaa, ummata keenyaaf jennee sadarkaa tarsiimootti tokko taanee qabsoo keessa haa turruun ergaa keenya. Sirna qoqqoodee injifachuu barbaadu keessatti tokkummaan keenya humna isa guddaa dha.
Dhumarratti hawaasni idil-addunyaas haalawwan kana ilaalchisee dammaqinaan akka hordofu dhaamna. Sochiin amma Oromiyaa keessatti godhame kun tapha qumaara xuraa’aa/gara jabinaa Abiy Ahmed bara cunqursaa isaa itti fufsiisuuf taphachaa jiru keessatti meeshaa tokko – cheezii biraa – qofaadha. Dhimmoota wal dhabdee facaasuun ummattoota biyyatti walitti garagalchee, bulchiinsa isaa isa laamshahaa dheeressuuf karoora Abiy Ahmed kayyeffatee dalage dha. Addunyaan shira kana hubatee gochoota qabsoo waloo kan haqaa fi bilisummaa xiqqeessuuf dhama’an mormuun itti jira.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Fulbaana 24, 2025
