• Thu. Jan 8th, 2026

Loltuun murna Bilxiginnaa tokko hidhannoo guutuun Lixa Wallaggaa Aanaa Haaruu keessaa ba’uun WBO’tti harka kennate 

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Murni PP abbaa irrummaa isaa uummata Oromoo irratti jabeessuun afaan qawween ukkaamsee dirree leenjiitti namoota guuraa oolus, loltootni inni leenjifate kanneen diinummaa isaa jibban sirna balfamaa kana ganuun qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeeffamaa jirutti makamaa oolu.

Gurraandhala 23, 2025 Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu irraa miseensi Farra Riphee Lolaa tokko hidhannoo guutuun WBO’tti kan makame oggaa ta’u, gama meeshaanis qawwee AKM 1 fi hidhannoo tokko mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jiraachuu odeessi WBO onicha keessa socho’u irraa nu qaqqabe ni addeessa.

Loltuun murna PP duraanii kunis simannaa WBO’n isaaf godhetti hedduu gammaduu himuun, warreen ilmaan Oromoo ta’anii sirna dabaa kanaaf qawwee baachaa jiraniin “yeroon isaa osoo isinitti hin darbin hidhannoo fi qawwee keessan waliin qabsoo bilisummaa saba keessaniitti makamaa jechuun dhaamsa dabarseefii jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading