• Sun. Nov 22nd, 2026

Mirgi namoomaa addunyaa maraa ‘kan ukkaamfame’ ta’uu hogganaan UN ibse 

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Hoogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka addunyaatti mirgi namoomaa “ ukkaamfamaa” akka ta’e akeekkachiisaniiru. 

Hogganaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez, Mana Maree Mirga Namoomaa UN’tti akka himanitti, mirgi dhala namaa “oksijiinii dhala namaati,” jechuudha jedhan.

“Garuu tokko tokkoon, mirgi namoomaa ukkaamfamaa jira,” jechuun itti dabaluudhaan: “Abbaan humnaa, sodaa uummata irraa qabanii sagalee uummataa humnaan cabsu. 

Guutarees itti dabaluun bakkoota adda addaatti dhiittaan mirga namoomaa mudachaa jiraachuu, wal qoqqoodii fi jibbiinsi dagaaguu ibseera.

Hundi walitti qabaman kun “malaa fi sirnoota ciccimoo waggoota 80 darban keessatti mirga namoomaa eeguu fi tarkaanfachiisuuf hundeeffaman hundaaf balaa kallatti bakka bu’a”, jechuun akeekkachiisuu AFPn gabaaseera.

Leave a Reply