• Thu. Mar 12th, 2026

Waraanni faashistii PP Godina Arsii Bahaa Aanoota cufatti bosona uumamaa abiddaan barbadeessuu itti fufe  

Feb 27, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025 

Murni Bilxiginnaa lolaan WBO injifachuu dadhabuun, kutaalee Oromiyaa iddoo  garaa garaatti waraana bilisummaa Oromootu keessa ripha jechuun bosona ibiddaan barbadeessaa kan jiru yoo ta’u, Arsii Bahaa aanota akka Shanan Kooluu, Sirkaa, Xiichoo, Jajuu fi Roobee Dida’aa keessatti kallattii hundaan bosonatti abidda shiduun barbadeessaa jiraachuu jiraattonni ONM’f gabaasanii jiru.

Akka jiraattonni godinichaa jedhanitti yeroon ammaa kun waktii bonaa waan ta’eef bosonni akka salphaatti gubatee manca’aa jiraachuu fi bosona irra darbee lafa loowwan keenya dheedan waraana faashistii PPn gubachaa jira jedhu. Namoonni daangaa bosonaatii mana qaban hedduun isaanii yaaddoo hamaa keessa jiru kan jiraattotni, halkan mana keenyas qaqqabee nu miidhuu danda’a jechuun akka itti mana isaanii keessa bulan dhabanii bakkeetti ba’uun qorraa fi rakkinoota garaa garaan dararamaa jiru jechuun dabaluun ifoomsanii jiru.

Gubaatiin bosonaa kun Baha Oromiyaa, Baha Shaggar Liiban Cuqqaalaa fi Boosat, Lixa Shaggar Jibaatii, Gujii Bahaa fi Qellem Wallaggaa Anfilloo keessatti baruma kana geggeeffamaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading