ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobbaafamuun rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala fafummaa agarsiisaa oolaniin waliima isaaniin walitti garagalanii wal saamuu hanga lubbuu walii isaanii balleessuutti gahanii jiru.
Aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa ajaja walii isaanii guutuu dadhabuun wal irratti ka’anii akka sareetti wal nyaachaa kan jiran yoo ta’u, jaleewwan Bilxiginnaa baay’inaan 8 ta’an qaamuma akka isaaniin tokkoon tokkoon isaanii qarshii 1000 adabamanii kan jiran ta’uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jaleewwan kunneen maqaan isaanii:
- Abdallaa Mohaammad,
- Gazallii Usmaa’el,
- Huseen Daawid,
- Kamaalee Muummee,
- Muraad Ahmad,
- Abduramaan Mohaammad,
- Abduramaan Abraahimii fi
- Mohaammad Gaashee kanneen jedhaman ta’uu jiraattonni araddichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Sababni jaleewwan kunneen adabamaniif “hojii misoomaa irraa hawaasa hambiftan, Isin gufuu misoomaati” jedhamuun kan adabaman ta’uu fi akkuma aanichaatti ergamtoonni Bilxiginnaa walii galtee dhabuun wal rakkisaa jiraachuun ifoomeera.


