ONM-ABO Bitootessa 1, 2025
Qabiinsa hidhamtootaa ilaalchisee impaayerattii keessatti dhaabbilee idil-addunyaa garaa garaan irra deddeebiin qeeqamaa kan jiru murni garboomfataan PP ajjeechaa fi dararaan hidhamtoota siyaasaa irratti raawwatu daranuu jabaassee itti fufeera.
Akkuma kanaanis Gurraandhala 26, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Moollamee Arjoo iddoo addaa Goraa Bahaa jedhamu keessatti uummata manni isaanii bosonatti dhiyaatu maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdu jedhu itti moggaasuun mana hidhaatti jumlaan guuraa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kannee maqaa nu qaqqabe:
- Abdulqaadaraa
- Habib Saadiq
- Zuleekaa Ahimad
- Huseen Haaji Namoo,
- maatii Obbo Musxafaa Mohaammad
- aadde Zeennabaa fi mucaa isaanii waliin hidhanii rakkisaa jiraachuun foomeera.
Akka maddeen jedhanitti namoonni kunneen qonnaan bultoota jireenya isaanii fooyyessuuf bosona cinatti mana ijaarratan akka ta’anis addeeffameera.
Oduuma wal fakkaatuun godinichuma aanaa Muuneessaatti ummata gaaffii tokko malee jumlaan mana hidhaatti guuruu jabeessuun Gurraandhala 27, 2025 ganda Qoomaa Oochaa irraa sababa ilma keessantu WBO’dha jedhuun maatii Obbo Huseen Roobaa kan ta’an Aadde Goobanee Tibbeessoo fi ijoollee dubraa isaanii Waaritee Huseen fi daa’ima umurii 12 kan taate Roobduu Huseen hidhanii rakkisaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’f ibsaniiru.

