• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraarootti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa jumlaan hidhaatti darbachuu hammeessan

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 28, 2025 

Impaayerattii keessatti hidhamtoota siyaasaa kan dhimmi isaanii abbaa alangaan qabamee mana hidhaatti argaman dabalatee kanneen osoo mana murtiitti hin dhiyaatin waggoota lakkoofsisaa jiran akka bahaniif karaalee abbootii amantaa fi jaarrolee adda addaan gaaffiileen murna Bilxiginnaaf dhiyaatus, gara laafinaan hidhaa irraa hiikuu irra daranuu jumlaan hidhuun cimee itti fufee jira

Jiraattota aanaa Siraaroo magaalaa Lokkee ganda 01 kan ta’an namoonni 15 aanaa Kokkossaa deemanii badii tokko malee guyyoota 15’f waraana faashistii PP’n hidhamanii turan waajjirri poolisii gadi dhiisnaan gara maatiitti yoo galan, maatiin hidhamtoota kanneenii gammachuu isaanii ibsannaan kaadiroonni aanaa Siraaroo ammoo “maaliif gammachuu dhageessiftan?” jechuun namoota sana hunda deebisanii hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoota 15 hidhaman keessaa kanneen maqaa arganne: 

  1. Soomanoo Banuura’aa fi 
  2. Kamaal Ganamooti.

Kana malees, magaaluma kana irraa leenjisaa teekiwaandoo maqaan isaa Saabom Zeeynii Ahimad jedhamu badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading