• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Saasiggaa fi Guutoo Giddaatti hidhaa fi saamichi ergamtoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 28, 2025 

Murni Bilxiginnaa ”namoota gaaffiileen saba Oromoo roga sirriin deebi’u qaba, bulchiinsi haqaan sabaaf hojjetu haa jiraatu jedhanii quuqqaa sabaaf dubbatan fi sagaleen uummataa dhagahamuu qaba jedhanii gaafatan seeraa fi heera isaaniin ala deemanii hidhuu jabeessanii jiru.

Sirna dimookiraasii babal’isuu fi waltajjii marii paartilee siyaasaaf kennuun dirree siyaasaa bal’isuun osoo irra jiru hidhuu filannoo isa dhumaa kan taasifame sirnichi, aanaa Saasiggaa ganda Odaa jedhamu irraa Gurraandhala 24,Gurraandhala 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Bushaa Gammachuu,
  2. Barsiisaa Takiluu Tasfaa,
  3. Hojjetaa Wangeelaa Addisuu Gannatii fi 
  4. Hiikaa Waaqtolee kanneen jedhaman 

loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee naannoo isaanii keessaa ukkaamsuun gara waajjira poolisii aanaa Saasiggaa geessuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Oduu saamichaan ammoo godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Dugda Dheeraa jedhamu irraa Gurraandhala 25, 2025 nama maqaan isaa Obbo Suutumaa Boorgoo jedhamu maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun qotiyyoo 1 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading