• Tue. Jan 13th, 2026

Hamaas lammiilee Falasxiin 600 ol gadhiisuuf Israa’el waliin waliigaltee irra ga’uu dubbate

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Hamaas hidhamtoota Falasxiin 620 torban darbe bilisa ba’uu qaban hiikuuf harkifannaa Israa’el xumuruuf waliigaltee irra ga’uu isaa ibseera. Kunis erga booji’amtoota Israa’el jaha Gaazaa keessaa bilisa baasuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu gama isaan deggere booda.

Hamaas Israa’el Kamisa har’aa dubartootaa fi daa’imman Falasxiin hedduu mana hidhaa ishee keessaa akka gadhiistu Roobii kaleessaa kan mirkaneesse yoo ta’u, gareen kun yeroo tokkotti reeffa booji’amtoota Israa’el afran dabarsee akka kennu ibseera.  

Gaazexeessaan Al Jazeera Tareeq Abu Azuum mooraa Nuseyirat giddugala Gaazaa irraa gabaasa kan kenne yoo ta’u, waljijjiirraan kun Kamisa ni raawwatama jedhamee kan eegamu ta’u himeera.

Israa’el walga’ii ummataa gurguddaa irratti Israa’eloota bilisa ba’an irratti yaaddoo qabdu kaasuun harkifannaa kanaaf sababa kan ibsite yoo ta’u, muummichi ministeeraa Beeniyaamin Netaaniyaahuun adeemsa kana “sirna salphina” jechuun ibsaniiru.   

Waliigalteen yeroo dhiyoo kun dirqama gama lachuu dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa jalatti qaban kan xumuru yoo ta’u, yeroo kana Hamaas hidhamtoota Falasxiin gara 2,000 ta’an jijjiiruuf reeffa saddeet dabalatee booji’amtoota 33 deebisaa jira. 

Ergamaan Waashingitan Baha Giddu Galeessaa akka jedhanitti mariin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa lammaffaaf taasifamu karaa irra jira.  

Marsaan jalqabaa Sanbata xumuramuuf beellamameera. “Sanbata dhufu Israa’el akka qaama marsaa jalqabaatti Koridoorii Filaadelfi keessaa ba’uu qabdi,” kan jedhan rippoortarri Al Jazeera, kun cimina waliigaltee kanaa qormaata keessa galchuuf carraa ta’a jedhan.

Lafti dheerina km 14  ta’ee fi guutummaa naannoo daangaa Gaazaa fi Masrii bakka bu’u, Kooridarri Filaadelfi, Israa’el naannoo sana to’achuuf yeroo yaaltutti qabxii falmii ta’ee ture jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading