• Tue. Jan 13th, 2026

Masriin Yaada Gaazaa akka bulchituuf hogganaa mormitootaa Israa’el irraa dhiyaate ‘fudhatama hin qabu’ jechuu ishee Ministeera Dhimma Alaa ibse

Mar 1, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025 

Masriin yaada hogganaan mormitootaa Israa’el tokko bulchiinsa Gaazaa Masriin fudhattee akka bulchituuf dhiyeesse “fudhatama hin qabu” jechuun, kaayyoo Falasxiinotaa irratti ejjennoo Masrii fi Arabaa yeroo dheeraaf ture faallaa ta’uu isaa ibsuun kuffisteetti.

Mormiin kun Masrii irraa kan dhiyaate erga hogganaan mormitootaa Israa’el Yaahir Laapid Kibxata dheengaddaa Masriin erga waraanni Gaazaa xumuramee booda yoo xiqqaate waggoota saddeetiif Gaazaa geggeessuu qabdi, kunis liqii guddaa irraa bilisa ta’uu isheef jijjiirraa ta’a jedheen booda ture.

Haa ta’u malee yaada Laappid dhiyeesse dura Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Gaazaa dhuunfachuu akka barbaadan karoora qabachuun kan ifoome yoo ta’u, Masrii dabalatee biyyoota hedduun akkuma kana qeeqameera.

Israa’el Onkoloolessa 7, 2023 Hamaasiin erga haleelamtee booda weerara Gaazaa keessatti jalqabdeen lammiilee Falasxiin hedduun du’uun naannichittis gara caccabaatti jijjiiramee jiraachuu gabaasaan AFP fi miidiyaalee biroo ni addeessa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading