BAMALOOTA NAMOOTA MO’ATOO TORBA (7)
- Waan gaarii fi cimina ofii isaanii fi kan nama biraa arguu danda’u. Hir’inaa isaaniirratti malee hir’ina namaa irratti hin xiyyeeffatan. Waan qabanii fi waan danda’anirratti xiyyeeffatu.
- Namoota (hiriyyoota) gaarii ta’an naannoo isaaniitii qabaatu. Hiriyyoota kaayyoo, ergama fi ilaalchaan waltumsuu danda’an of biraa qabu.
- Kufaatii isaanii dhoksuuf hin dhama’an, akka barumsa argatanitti yaadu.
- Abdii hin kutani. Yoo kufan ka’uu akka danda’an beeku.
- Waa’ee doggoggora darbee deddeebi’anii yaadanii of hin dhiphisan, garuu irraa baratu.
- Yeroo kaayyoof jedhanii miidhamni, dhiphinni fi rakkiinni irra ga’u waan isaan miidhe caalaa waan miidhama sana keessaa argatan yaadu.
- Murtoo murteessuuf dudduuba hin deebi’an. Murtoon jireenya keessatti barbaachisaadha, namoonni mo’atoon ni murteessu.
Mo’atoo isin haa taasisu rabbi!
Dr. Gurmeessaa
