ONM-ABO Bitootessa 5, 2025
Lukkeeleen Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa waliin ta’uun hawaasa Oromoo Walloo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuuf bara dhufaa darbaa kan irratti waliif galan, sababa cimina ilmaan Oromoo Wallootiin kaayyoon isaanii yeroo hunda kan hin milkaa’in hafu ta’us karoora isaanii irraa kan hin deebine har’as badii isaanii itti fufuun magaalaa Kamisee ganda 02 keessaa nama maqaan isaa Umar Mahaammad jedhamu hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Badii tokko malee “WBO waliin hidhata qabda” maqaa jedhuun Oromummaa isaa qofaaf Obbo Umariin kan hidhan jaleewwan Bilxiginnaa, magaalicha guutummaa keessaa ilmaan Oromoo adamsanii ukkaamsuun dararaa hamaa irraan gahuu itti fufanii jiraachuun dabalataan ibsameera.
Oduu biraatiin, godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti saamichi ulfaataan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Doobbaa guutummaa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun hawaasa saamanii jireenya dhuunfaa isaanii jiraachaa kan turan ammas bifa haarawwaa ta’een cimsanii itti fufuun, ganda gandatti “waajjira gandaa ijaarra waan ta’eef, qarshii 400,000 fi sangaa tokko fidaa” jechuun baatii Ramadaanaan hawaasa rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.



