ONM-ABO Bitootessa 5, 2025
Ergamtoonni Bilxiginnaa akkuma amala isaanii waan adda addaa irratti waliif galuu dadhabuun rakkoo keessoo isaaniitti dhalatuun maqaa wal balleessanii miidhaa ulfaataa hanga lubbuu walii isaanii balleessuutti wal irraan ga’aa jiru.
Aanaa Baabboo Gambeelitti loltoonni sirnicha utubuuf dhama’an Bitootessa 1, 2025 wal loluun ajjeechaa wal irratti raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddi waldhabdee isaanii, qabeenya qonnaan bulaan Oromoo ganda Malkaa Eebichaa saamuu fi isas miidhu irratti wal dhabuun walitti dhukaasanii wal ajjeesuun ibsameera.
Lubbuun ilmaan Oromoo hanga lubbuu bineensaatti isaan biratti kan hin lakkaa’amne loltoonni Bilxiginnaa, walii isaaniittis deebi’uun mooraalee adda addaa keessatti hanga ajajaa ajjeesanii baduutti ga’anii jiraachuun ni beekama.

