• Wed. Jan 7th, 2026

Loltoonni gara jabeeyyii Bilxiginnaa Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti horii hawaasaa qalachuun beekame

Mar 7, 2025

ONM-ABO Bitootessa 7, 2025 

Jireenya dhuunfaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun garaa furdifachuu malee, waa’een saba irraa dhalatanii tasuma ija dura kan hin dhufne loltoonni maafiyaan impaayerattii, maqaa adda addaa itti maxxansuun hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru. 

Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaatti loltootni PP dararaa hamaa hidhaa hanga ajjeechaatti ilmaan Oromoo irratti raawwatan Bitootessa 1, 2025 galgala keessaa naannoo sa’atii 3:00’tti nama maqaan isaa Abbaa Gurraa Qaabataa jedhamu jalaa re’oota 4 yoo qalatan, obboleessa isaa Obbo Olaanaa Qaabataa jalaa immoo re’oota 3 qalatanii nyaachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaa qooda kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta’uu himuun, murni Bilxiginnaa sobaan yakkanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun  miidhaa irraan ga’uunis ibsameera.

Aanicha guutummaa keessatti lukkeeleen PP addatti dargaggoota irratti xiyyeeffachuun uleedhaan qaama isaanii miidhuu irraa hanga gara jabinaan ajjeesuutti gahanii kan jiran ta’uu dabalataan ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading