• Sun. Nov 22nd, 2026

Baankiin Addunyaa Libaanosiin deebisanii ijaaruuf doolaara biliyoona 11 barbaada jedhe

Mar 8, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Baankiin Addunyaa Jimaata kaleessaa Libaanosiin suphuu fi deebisanii ijaaruun doolaara biiliyoona 11 akka barbaadu tilmaamuun kunis waraana Israa’elii fi Hizboollaa gidduutti uumamee Sadaasa 2024 keessa dhukaasa dhaabuun xumurameen booda.

“Fedhii ijaarsaa fi deebisanii dhaabuu waldhabdee Libaanos irratti dhiibbaa uume hordofee doolaara Ameerikaa biiliyoona 11tti tilmaamameera,” jechuun Baankiin Addunyaa gabaasa miidhaa fi kasaaraa Onkoloolessa 8 hanga Muddee 20, 2024 madaaleera.

Dameen mana jireenyaa Libaanos miidhaan cimaan kan rukutamr yoo ta’u, kasaarri doolaara biiliyoona 4.6, dameen turizimii ammoo doolaara biiliyoona 3.6 dhabeera.

“Dhuma bara 2024tti, Libaanos kuufamaa GDP bara 2019 irraa eegalee gadi bu’uun dhibbeentaa 40tti dhihaatte, bu’aa kufaatii dinagdee hedduu qabu daran hammeesseera. Abdii Libaanos guddina dinagdee irratti qabdu irrattis dhiibbaa uumeera”

Waraanni kun rukuttaa hamaa Hizboollaa irratti raawwatame kan dadhabe yoo ta’u, laafinni kun vaakiyuumii humnaa waggaa lamaa booda pirezidaantii fi mootummaa haaraa muuduuf karaa saaquuf gargaareera jechuun AFPn gabaaseera.

Leave a Reply