• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu fi hidhuu cimsanii itti fufan

Mar 8, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Aanaa Suudee ganda Ashmiiraa Warganbuullaa jedhamu keessatti wayita ammaa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa fi nyaata milishaa jedhuun hawaasa irraa qarshii fi midhaan nyaataa afaan qawwee itti qabuun saamaa kan jiran yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii waan kennan of harkaa dhaban ammoo mana hidhaatti galchanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee, Bitootessa 2, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Amaanee Tafii,
  2. Amiinaa Adam,
  3. Amiin Hajii Kamaaloo fi 

kanneen biroo hedduu ta’an maqaa kaffaltii armaan olitti eerame kana kennuu diddan jedhuun guyyaa tokkoof hidhanii dararaa erga turanii booda, dirqama guyyaa sadii gidduutti qarshii 5,000 fi midhaan nyaataa qamadii quunnaa lama lama fiduu qabdu jechuun mallatteessisanii gadi lakkisanii jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, armaan duras gandicha keessatti maqaa deggersa nyaata raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun nama tokko irraa dirqamaan midhaan nyaataa xaafii quunnaa lama lama walitti qabachaa kan turan ta’uunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading