• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Yaayyaa Gullalleetti dararaan uummata nagaa irratti taasifamu jabaatee itti fufe 

Mar 8, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Bitootessa 3, 2025 godina Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullalleetti waraanni faashistiin PP ganda Nyaa’a Soolee keessatti meeshaa gurguddaa Jiraattota irratti dhukaasuun loon qonnaan bultootaa jalaa ajjeesanii jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.

Namoota loon isaanii jalaa ajjeefame kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Kaasayee Baatuu horii 2
  2. Habtaamuu Girmaayee horii 3
  3. Bojaa Zawudee qotiyyoo 2
  4. Zawudee Boshee horii 1 jalaa ajjeesuun dhaga’amee jira.           

Kana malees guyyaadhuma kana gandicha keessaa bakka addaa Qaawwaa jedhamuun beekamutti manneen uummataa ibiddaan gubanii jiraachuus jiraattonni himan.

Dhiiga qulqulluu dhangalaasuu fi lafee lammiilee nagaa cabsuun kan ijaaramte, Impaayerri Itiyoophiyaa, har’as akkuma amala ishee Oromoo dararuu waan hin dhiisneef, tarkaanfii ishee kana qabsoo qofatu xumura itti godha jechuun namootni miidhaan irra ga’e ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading