⛳#Ajjeechaa Gara jabinaa
Dargageessi kun maqaansaa #Magarsaa_Gudduu jedhama. Dhalataa Wallagga bahaa Ona haroo limmuuti. Mucaan kun maatisaaf #ilma tokko. haadhasaa waliin Kan Jiraatu Yoo ta’u haatisaa ilma dhiiraa isa malee hin qabdu. Bultii ijaarratee reefu waggaa Guuta.
#Magarsaan qabamuu akkuma dhageessen haatisaa fiigdee dhaquun ilma tokkittii tanan qaba, Akka ija koottan ilaala ija nan jaamsinaa jettee Waraana mootummaa Magarsaa qabee jiru Sana jala jilbiinfattee kadhatte. Motora deemu qaba waan ta’eef dhaqi mororicha fidi hin ajjeefnu ittiin jedhan. Lafa sanatti motora hoofun dhorkaa waan ta’eef fiigdee bakka mucaan dhokfatee fiddee dhufti.
Ammammoo dhaqii kophee fidiif jedhaniin ammas fiigichaan gara manaa qajeelte. #Dargaggeessaa kanaan immoo ka’i motora kana baadhu jedhaniin. Mootora Nama baatu malee Nama motora baatu arginees dhageenyes hin beeknu. Mucaanis baachuu dadhabe, lubbuusaa oolfachuuf baachuu yaalus garuu hin dandeenye. Akkamitti dadhabda jedhanii isa mataa dha’uun ajjeesanii darbatan.
#Motora sanas boba’aan itti naqanii guban. Haati yeroo fiigdee deebitu motorris daaraa ta’eera, mucaanshiis biyyoo ta’eera.
⛳Mucaan Boqateera Gadaamessi haadha Sanaa maal ta’inna laata?
Godaannisa Seenaa

