• Thu. Jan 8th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Mar 9, 2025

ONM-ABO Bitootessa 8, 2025 

Aanaa Cawwaaqaa buufata 5’ffaa bakka addaa Keellaa jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi karaa adda addaan gidirsanii harka kennachiisuuf kan hojjetan jiraattota maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Abdurahmaan, 
  2. Kadiyyaa Ibiroo fi
  3. Magarsaa Ahimad 

jedhaman badii tokko malee qabuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Maqaa ”ilma keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa hidhatee jira; daftanii galchuu qabdu” jedhuun waajjira poolisii aanichaatti dararaa kan jiran jaleewwan sirnichaa yoo isaan dafanii galchuu baatan manuma hiraarsaa keessatti akka du’anii fi hidhaa irraa hiikamuu akka hin dandeenye sagalee doorsisaan yaaddessaa jiraachuun baramee jira.

Namoonni kunneen gama tuttuqqaa siyaasaa dhaqanii kan hin beeknee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa dalagachuun kan ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaa “haala yeroo” jedhuun gaaffii seeraa tokko malee taa’aa kan jiran ta’uun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading