ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Walgahiin hoggantoota Hamaas fi Ameerikaa gidduutti guyyoota darban keessa lammii Ameerikaa fi Israa’el kan garee hidhattootaa Gaazaa keessa jiraniin qabamanii jiran gadhiisuu irratti xiyyeeffatee irratti mari’achuu qondaalli olaanaa Hamaas Dilbata kaleessa Rooyitarsitti himaniiru.
Gorsaan siyaasaa hogganaa garee Falasxiinotaa Taher al-Nono, mariin kun torban darbe magaalaa guddoo Kaataar keessatti kan raawwatame ta’uu ibse.
Gama lamaan hojiirra oolmaa waliigaltee marsaa marsaan waraana Israa’el-Hamas xumuruuf kaayyeffate akkamitti akka ilaalan irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru.
Jilli Hamaas guyyoota lamaan darban keessa gidduu seentoota Masrii waliin walga’uun hojiirra oolmaa marsaa lammaffaa waliigaltee kanaa irratti mari’achuuf qophii ta’uu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera.
Israa’elis gama isheen marii dhukaasa dhaabuuf Wiixata har’aa gara Dohaatti akka ergitu dubbatteetti jettuun Rooyiters gabaaseera.


