• Fri. Sep 25th, 2026

Warraaqsi Ummanni Sidaamaa gaggeessaa jiru cimee itti fufeera!

Mar 11, 2025

🍀Warraaqsi Ummanni #Sidaamaa gaggeessaa jiru cimee itti fufeera!

Ummanni Sidaamaa akkuma ummata Oromoo ummata Sirna bulmaata mataasaa qabaachaa tureef hariiroo cimaaf walitti hidhata eenyummaa cimaa Oromoo waliin qabu yoo ta’u erga kolonii habashootaa jalatti kufee kaasee salphinaaf kabajni eenyummaasaa irraa mulqamee maddi galii Abbootii irreef faddaalotaa ta’eera.
Ummaticha kabajaa eenyummaa seenaa keessatti Qabu irraa mulqanii ergamtoonni Abbootii irreef saamtonni faajjii godhachuun goroorroo Ummatichaa cufuun madda galii tolfatanii jireenya badhaadhaa jiraachaa badhaadhina itti faarsaa har’a gahaniiru.
Dargaggeessi Sidaamaas Ummatasaa of cinaa hiriirsun warraaqsa eegale cimsee akka itti fufu qabu waamicha gochaa Jira. Ummanni Sidaamaa akka Sirna bulmaata sabichaatti #saamtotaan osoo hin taane #naatotaan gaggeeffamee doofummaaf hiyyummaa hamaa sana keessaa bahuu akka qabu ibsaa Jira. Sana milkeessuf Warraaqsa roga hundaa gochuuf cimee hojjechaa Jira.

Qeerroon Bilisummaa Oromoos Sabaaf sablammoota Gaaffii eenyummaaf mirga hiree murteeffannaasaaniif falmatan kamuu akka firasaatti waan ilaaluf Warraaqsa Dargaggeessi Sidaamaa gaggeessu kan jajjabeessinu ta’uu ibsina.

Sidama Affairs SA
Caayaa Qeerroo

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading