• Sat. Oct 17th, 2026

Oddeessa Keessoo: Diigumsi Manneen Jireenyaa bulchuinsa Magaalaa shagger keessatti yaaddoo guddaa Uumeera

Mar 11, 2025

‎#Oddeessa_Keessoo
‎
‎. ☘️Diigumsi Manneen Jireenyaa bulchuinsa Magaalaa shagger keessatti yaaddoo guddaa Uumeera.
‎
‎@Buraayyuu
‎Dubbii Masteerpilaanii irra Hadhooftu
‎🌲Kutaa magaalaa #Gafarsaa Noonnootti manneen jireenyaa 800 bakka addaa sangootaa/Taxxaaq jedhamutti 28/06/2017 Diigameera..Akkasumas bakka addaa Dastaa Mandar jedhamutti manneen jireenyaa 500 ummata iraa diigameera jira.
‎
‎👉Adaraa miidiyaaleenii fi ummanni Oromoo Addunyaa irra jirtan sagalee akka nuuf taatan Jenna. Mana xaariidhaan umurii keenya walakkaa ol itti dadhabnee ijaarranne libsuu ijaa keessatti dhabneerra.
‎Maatiin keenyas karaarratti faca’eera. Nuti umurii jiraannetti mootummaa gara jabeessa bineensa irra hammaatus Kanuma argine. Jedhu jiraattoonni.
‎
‎🌲Gama biraan ammoo Kutaa magaalaa #Buraayyuu Aanaa Aannee diimaatti waajirri aanichaa xalayaa mannikee ni diigama jedhu jiraattotaan manni isaanii akka diigamuuf xalayaan ittiin gahame mormuudhaan nu ajjeesaatii mana keenya diigaa jechuudhaan ummanni dura dhaabbataa jiru. Bakkoota Ummaanni mormii isaan agarsiisa jirtutti ammoo PPn humna Waraana fayyadamuun mannee ummata diigaa jirti.
‎
‎🌲Dabalatan #Caasaaleen mootummaa tokko tokkos gocha diigamuu manneen ummata kana irratti gareen tokkoo haa diigamu yoo jedhan gareen kan ammoo akka hin diigamnee kan jedhuuf yeroo amma garagarummaan guddaan akka gidduu isanitti uumamee jiru maddeen keenya nuf addeessan. Akkasumas kutaa magaalota shaggar hedduutti wal dura dhaabbannaan diigumsa manaan wal qabatuu jiraachuun dhagahameera.
Caayaa Qeerroo

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading