Caayaa Qeerroo Bitootessa 8, 2025
Hojjettoonni Yunivarsiitii Hawaasaa waggoota kudha shanii oliif waldaan gurmaa’anii hojjachaa turan 750 ol ta’an “daballii mindaa waan gaafataniif qofa yuunivarsiitichi hojiirraa akka isaan ari’u” beeksisuu fi gaaffii mindaan walqabatee hojjettoonni shan hidhamuu himan.
Hojjettuun yuunivarsiitichaa waggoota 15’f keessummeessituu ta’uun tajaajilan tokko Akka nutti himanitti, “Ani ji’atti mindaa 1000 naaf kaffalama. Nuti hin hojjennu hin jenne, jiraachuu waan hin dandeenyeef daballi mindaa qofa gaafanne. Yeroo gaafannu namoota muraasa isin qindeessitoota jedhanii hidhan. Nuun ammoo akka ari’amnu nutti himan,” jedhan.
Caayaa Qeerroo
