• Thu. Jan 8th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko irratti reebicha ulfaataa raawwachuun hidhaatti darbatan

Mar 12, 2025

ONM-ABO Bitootessa 11, 2025 

Aanaa Cawwaaqaa ganda Dirree Misoomaa jedhamu irraa lukkeeleen Bixiginnaa nama maqaan isaa Mahaammad Rashaad Abdallaa jedhamu badii tokko malee Bitootessa 7, 2025 reebicha ulfaataa ta’e irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Mahaammad Rashaad jiraataa aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa kan ta’ee fi firoota isaa dubbisuuf garas kan deeme yoo ta’u,  maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ergamtoota sirnichaan yakkamee miidhaan qaamaa ulfaataan kan irra gahe ta’uun ibsameera. 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen qaama isaa irra bakka sadii qawween waraanuun baay’ee kan dhiigee fi yeroo ammaa yaala gahaa tokko malee mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti darbatamee du’aa fi jireenya gidduu kan jiru ta’uun isaa baramee jira.

Murni maafi’aan impaayerattii bulchaa jiru dhiiga ilmaan Oromoo kumaatamaan dhangalaasaa kan jiru yoo ta’u, yeroo gara aangootti dhufe garuu waadaa sobaa hedduu qabiinsa mirga namoomaa irratti seenus lafa irratti namootni Bilisaan jiraachuun hafee hireen du’aa qaama ani mootummaa keessani jedhuun itti murtaa’ee akka hoolaa ayyaanaatti gorra’amaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading