🌳 #Bacancarsa Siyaasaa!~~~~~
Qabsoo Sabaa Gaggeeffamu keessatti Deeggartoonni fi miseensonni dhaabaa hundee(bu’uura) Akeeka Siyaasaa (The basic of political intent) dhaabichaa beekuu qabu. Firaaf diinni Dhaabbataan jiraachuu baatus firaaf diina Qabsichaa akkasuma galii Qabsichaa beekun murteessa dha
☘️Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Utubaan Qabsoo sabichaa Ummatuma Oromoo ta'uuf hireen inni Sirna halagaa jalatti qabus tokko ta'uu beekuun murteessa dha. kana yeroon jedhu Oromoonni dantaa Sabaa fedhii dhuunfatti gurguratan,
🌱 Warri nyaatanii garaa guuttachuuf Bilisummaa Sabaa waliin madaalan,
🌱 Warri jireenya gadadoo Ummanni Oromoo keessa jiru Badhaadhinaaf Qananiin ibsan hin jiru jechuukoo miti. Xannachi Sammuu Oromootuu isaani.
☘️Sirna bittaasaa dheereffachuuf sirni Abbaa irree siif gaaddidduukee walitti buusuu danda’a. Dandeenyan luugamaan dadhabnaan maanaaban sitti fakkeessee manii Ajjeechaatti si harkisuun ulaa sitti cufee si biraa deemuu danda’a.
☘️Qabsoon hojii Jaarmiyaan, jaarmiyaan immoo hojii qindoomina namootatiin hojjetamu waan ta’eef cabni jaarmiyaa siyaasaa; cabaa kaayyoo ta’a, Caba sabicha Wareegama ulfaataa kaffaluun Qabsoo gaggeessaa jiruu hordofsiisa, Wareegama biraa dabala, turtii Gabrummaa dheeressa, Sabboonummaaf tokkummaa Sabaa hongeessaa, Caba lafeef coba dhiigaa gatii dhoowwa.
☘️Kana Yoon jedhu murtoon siyaasaa jaarmiyaalen siyaasaa Oromoo fudhatan kan Oromoo humneessu malee kan Oromoo Balleessu ta’uu hin qabu.
☘️ Propaganda fi anti propagandan moonaa Qabsoo Oromoo hundee tokkummaa sabichaa kan sharafu ta’uu hin qabu.
☘️Lafee foon hin qabne Lafa teenya jijjiiruu hin qabnu. Gara laafummaa moonaa Qabsoo keenya keessa tureen yeroo lamaa sadi cabuu biraa dabarree caccabnee jirra.
☘️Battee Urgeessaa nyaatameera, Haacaaluu hundeessaa dabalatee Qaroon Oromtichi dhalee dhalche nyaatameera. Abadan Jara kana deebisuu hin dandeessu.
🍀Yoo wal sobne malee waraabessi Finfinnee gurguree Dubai biyya bite, waraabessi dirre Dawaa, jigjigaa hanga moyyaalee nyaatee Abadan tola naaf tufa jettee yaadda taanan Haacaaluf battee Urgeessaa ni galu na amani, Baaroo Tumsaaf nagaasaa Wagiifaas ni galu na amani.
☘️Sobnee of sossobnee Gabaa of dhaabnee tola of gurguruurra Dhugaa sabichaaf humna Oromoon qabu itichinee gatii nuuf malu gaafachuutu murteessa dha!
Bancacarsi siyaasaa ollaa lukkuu nu dhaaba! Kan harkaa qabdu darbattee Kajeellaan ollaa kadhattuu si dhaaba. Ofiifis waliifis sabaafis kabajaan uffata hin daarre ta’uu beekun murteessa dha. Fayya ta’aa!
#Dhaggeeffataan lafeeffachuu, laffeeffataan immoo ni nafeeffachuu qaba!
Godaannisa Seenaa
