🚩 #Finfinnee (Shaggar) Manneen hiyyeessaa diigun hammaachaa jira~~~~~~
Manneen jireenyaa Ummanni Waggoota 20 oliif keessa jiraachaa ture har’a diigamaa Jira.
☘️ Bara 2017 irraa kaasee Manni diigamu hin jiru jechuun liizin siniif mirkaneessina karaa #baankii_siinqee gibira Waggaa 10 kaffalaa jedhanii Qarshii 100,000’f Sanaa ol nurraa guuran.
Kunoo gidduu kanammoo Abbootii Qabeenyatu hojii investmentiif barbaada jechuun mana nurratti diiganii maatii keenya karaarratti facaasanii jiru.
Fuuldurri keenya Ganna bakka baanu hin beeknu, biyya biraa hin qabnu gara itti baqannus wallaalle. Amma hiyyeessi biyya kana keessa jiraachuun cubbuu akka ta’e hubanneerra. Saamnee duroomufis hiyyeessa saamamu malee dureessi saaman hin jiru.
Hireen hiyyeessaa maal ta’a yaa rakkanne.
🍀Jiraattota Shaggar Bulchiinsa magaalaa #Malkaa_Noonnoo
Caayaa Qeerroo
