ONM-ABO Bitootessa 13, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Ashaayyaa lgguu bakka addaa Abbayyii jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa impaayera bututtuu kufuu geesse utubuuf halkaniif guyyaa dhama’an, Bitootessa 4, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Taakkalaa Moosisaa jedhamu irratti reebicha humnaan olii raawwachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Lukkeeleen sirnichaa, qonnaan bulaa kana halkan manaa gadi baasuun, uffata isaa irraa baasanii qullaa isaa uleedhaan erga garmalee reebanii qaama isaa miidhanii booda, achi buutee isaa dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Qonnaan bulaan kun, badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhamee hanga kana kan dararamee fi guyyaa reebame irraa hanga gabaasni kun qindaa’etti, bakki inni jiru kan hin baramne yoo ta’u, maatii fi firoonni isaa hundi manneen hidhaa fi bakka jira jedhanii shakkan hunda irra jooranii dhabuun ifoomeera.
Ergamtoonni Bilxiginnaa ajaja Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhataniin gubbaa hanga gadiitti wal jala hiriiruun afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti immoo, amala abbaa irrummaa isaanii agarsiisuun sarbama mirga namoomaa adda addaa raawwachaa jiru.

