• Thu. Jan 15th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Hawwii Guddinaatti kaabinoonni Bilxiginnaa abbootii qabeenyaa saamuu itti fufan

Mar 13, 2025

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Aanaa Hawwii Guddinaa irraa Kaabinoonni Bilxiginnaa maqaan isaanii Ayyaanaa Jiraataa fi Anteenaa Geetaachoo jedhaman pirojeektii ijaarsa Waldaa Misooma Oromiyaa da’oo godhachuun qarshii 200,000 irraa fudhachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ayyaanaan, itti gaafatamaa Misooma Maallaqaa fi Dinagdee aanichaa yoo ta’u, Anteenaan immoo itti aanaa ta’uun, ogeessa pirojeektii Waldaa Misooma Oromiyaa hojjetu nama maqaan isaa Ibsaa jedhamu irraa qarshii 200,000 bifa liqiin fudhatanii booda irra dhorkachuun isaanii eeramee jira.

Saamicha raawwachuun isaanii kun kan yeroo jalqabaa kan hin taanee fi ogeessota hunda irraa haaluma kanaan fudhatanii dhorkataa kan jiran yoo ta’u, hojjetaan kunis hojii pirojeektichaa eegaluuf qarshii dhabee jiraachuun ibsameera.

Yeroo darbe godina Harargee Lixaa irraa bulchituun Ekraam Xahaa fi Masarat jedhamtu daawwannaa hojiif gara aanichaa hoggaa deeman, kaabinoonni aanichatti saamichaan hawaasaaf gamsiisan, namoota gatii gibiraa qarshii 5,000 ol kaffalaniin “gatii gibiraa qarshii 2,500 qofa kaffalle jedhaa” jechuun hawaasa kadhataa turuun isaanii baramee jira.

Sirnichi garee hannaaf ijaaramee fi iftoomina kan hin qabne yoo ta’u, hojiin aanaa irraa hoogganaa godinaan fudhatama argachuu, kan godinaa warra naannoo Oromiyaan aangoo irraa akka hin kaaneef waan jarri jedhan guutuutti ykn dachaan hojjetanii agarsiisuuf uummata quncisaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading