• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee shan irraa tajaajilli ibsaa torban tokkoo oliif addaan cituun himame

Mar 15, 2025

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Godina Baha Wallaggaa jalaa aanaalee akka; Giddaa Ayyaanaa, Limmuu, Haroo Limmuu, Kiiramuu fi Eebantuu irraa tajaajilli ibsaa erga badee torban tokkoo ol ta’uun hawaasni aanaalee kanneenii rakkoo hamaa keessa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Jiraattonni aanaalee kanneenii ONM dubbise, ibsaan yoo bade baaburri midhaan daaku kan hin hojjenne ta’uu himuun, baaburri boba’aan dalagu immoo gatiin boba’aa garmalee waan qaala’eef waan nyaatanii bulan kan hin qabne ta’uun rakkoo hamaan irra gahaa jiraachuu fi bakkeewwan akka; manneen jireenyaa, manneen hojii mukaa fi sibiilaa, manneen barnootaa, mana yaalaa, manneen amantaa, dukkaanotaa fi dhaabbata dhuunfaa adda addaa keessatti rakkoo ulfaataa keessummeessaa jiraachuu dubbatu.

Ogeessota dabalatee hanga ammaatti qaamni elektirika kana deebisuuf yaalii gochaa jiru kan hin jirree fi murni garboomfataan Bilxiginnaa beekaa callisanii uummaticha ilaalaa jiraachuu ibsu.

Aanaalee kanneen shananiif tajaajilli elektirikaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Ayyaanaa irraa kan to’atamuu fi raabsamu  sababa dhugummmaan isaa hin beekamneen irra deddeebiin baduu isaan tajaajila bilbilaa irraa eegalee hanga fayyadama nyaataa fi dhugaatiitti guyyoota torban lamatti dhiyaataniif hanga gabaasni kun qindaa’etti kan addaan citee jiru ta’uun ibsamee jira.

Mataan Bilxiginnaa Abiy Ahimed fi jaleen isaa Shimallis Abdiisaa garuu rakkoon Oromiyaa furamee nageenyis bu’eera akkasumas ibsaas of dandeenyee alatti dabarsinee gurguraa jirra jechuun Abiy Ahimed ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading