ONM-ABO Bitootessa 15, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa jedhamu irraa Bitootessa 10, 2025 namoota badii tokko hin qabne, Aadde Birqii Waagiyyoo fi intala ishee barattuu Daraartuu Fiqaaduu kanneen jedhaman “deggertoota WBO’ti” jechuun halkan mana isaaniitii ukkaamsuun waraanni faashistii PP reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda, waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, lukkeeleen Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu waan dadhabaniif, haaloo isaanii hawaasa meesha maleessatti ba’aa kan jiran yoo ta’u, aanaadhuma kana ganda Guddinaa Abuunaa jedhamu irraa Bitootessa 12, 2025 maatii qabsaa’otaa maqaan isaanii:
- Balaay Qanaatee,
- Dirribaa Baay’isaa,
- Qumbee Gammachuu,
- Roobaa Dalasaa,
- Xuree Olaanaa,
- Gonfee Dhaabaa fi
- Marartuu Laggasaa jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
Namoonni kunneen badii isaan hiisisu hojjetaniif osoo hin taane, maqaa ”ilmaan keessantu hidhatee bosona jira; dafaa galchaa” jedhuun qabamanii dararamaa akka jiranii fi kaabinoota aanichaa maqaan isaanii Tashoomaa Alamaayyoo fi Araarsoo Hordofaa jedhamaniif akka itti ba’anii galan dhabanii rakkataa jiraachuu hawaasni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

