• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Oromiyaa Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti ajjeechaan waraana faashistii PP’n raawwachuun dhaga’ame

Mar 17, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Aanaa Habroo Araddaa 32 ganda Hundee Dhaabaa  keessatti abbaa ijoollee sadii kan ta’an qotee bulaa maqaan isaanii Obbo Daawwee Huseen Adam jedhaman Bitootessa 14, 2025 maqaa hojiilee loojistikii hojjetta jedhu itti maxxansuun waraanni maafiyaan PP rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Maanguddoon ajjeefame kun badii tokko malee Oromummaa isaa qofaan yakkamee sirna garboomsaa PP’n guyyaa qabamee kaasee miidhaa jabaan kan irratti raawwatame oggaa ta’u, dhiibbaan onichatti ilmaan Oromoo irratti guyyaa guyyaan raawwachaa jirus daran cimee itti fufee akka jiru beekameera.

Sirni gabroomfataan  Bilxiginnaa ulaagaalee ittiin Oromoo fi Oromummaa dhabamsiisuu qindeeffatee dachee Oromiyaa dhiiga lammiilee qulqulluun faalee ajjeechaa akka hojii idileetti guyyuu raawwachaa jiruun namoonni hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’anis gaaffii seeraa tokko malee ajjeefamuun mul’ata namoota hedduu doomsee maatii baay’ees jireenya gadadoof saaxilee jira.

Leave a Reply