ONM-ABO Bitootessa 18, 2025
Waraanni faashistii PP Bitootessa 16, 2025 aanaa Adaabbaa ganda Hunxee Aloolaa jedhamu keessatti namoota sadii osoo isaan gabaa dhaqaa jiranii daandii irraa qabuun yakka tokko malee paatiroolii keessa buusuun fuudhanii kan deeman oggaa ta’u, isaan keessaa abbaa ilmaan 10 kan ta’ee fi haadha warraa lama kan qabu nama maqaan isaa:
- Abduljabbaar Haajii Fattoo kan jedhamu halkanuma sana yoo ajjeessan,
- obboleessa isaa Saadiq Haajii Fattoo kan jedhamuu fi
- kan biraa nama maqaan isaa Maammaa Goduu jedhamu ammoo achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu odeessi jiraattota irraa ONM’n qaqqabe ni addeessa.
Kana malees faashistoonni murna PP kunneen guyyaadhuma sana deebi’uun namoota nagaa 4 qabuun mana hidhaa magaalaa Adaabbaa keessatti darbachuun dararaa jiraachuu kan nuuf eeran jiraattotni, akka aanichaatti gochoota hammeenyaa garaa garaan uummanni Oromoo dararaa hamtuu yeroo irraa gara yerootti tiksitoota sirna nama nyaataa kanaan argaa jiraachuu dabaluun ifoomsanii jiru.


