• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Bahaa Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha hammeessan

Mar 17, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne saamuu itti fufuun, Bitootessa 15, 2025 maqaa “nyaata milishaa” jedhuun midhaan kubbaayyaa 15 yoo guuran, maqaa “buusaa gonofaa” jedhuun ammoo qarshii 630 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Gandicha keessatti jallisii qonnaan bultoonni hongee bonaa fi horofa gannaa keessa dafqa isaanii xuruurfachuun itti dadhabanii baafatan ergamtoonni Bilxiginnaa immoo, aangoo isaanii fayyadamuun jallisii waloo qonnaan bultootaa kan ta’e abbuma fedhaniif qarshii 200’n gurguraa kan jiran ta’uun eeramee jira.

Dinagdee impaayerattii laamsha’ee adda waraanaa irratti akka dhadhaatti baqee dhume deebisanii suphuu fi dandamachiisuuf jaleewwan Bilxiginnaa maqaa adda addaa da’oo godhachuun saamicha ulfaataa geggeessaa jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading