ONM-ABO Bitootessa 17, 2025
Dheengadda Bitootessa 15, 2025 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxee irraa miseensonni Raayyaa Ittisa Impaayerattii lama kan sabaan Oromoo ta’an hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatanii jiraachuu gabaasni WBO onicha keessa socho’u irraa ONM’n dhaqqabe ni addeessa.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM Turkii 1, Rasaasa AKM 150, isnaapeera 1, rasaasa isnaayipperii 200, fi boombii F1 1 qabachuun mooraa PP keessaa ba’anii WBO’tti makamaniiru.
Loltoonni murna PP duraanii kunneen simannaa WBO’n isaaniif godhetti hedduu gammaduun, daba beekaniis ta’e osoo hin beekin raawwatan, sirna dhiiga ilmaan Oromoo lolaasaa ooluuf qawwee baatanii tajaajilaa turuu isaaniif uummata Oromoo dhiifama gaafachuun kanneen Oromoo ta’anii mooraa balfamaa kana keessa taa’anii uummata isaanii dararaa jiraniin saba keessan gidirsuu irraa bilisa ta’uun hidhannoo fi qawwee keessan waliin WBO’tti makamaa biyya keessan Oromiyaaf lolaa jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniifii jiru.
Afaan qawween uummata impaayerattii hacuucee bulchuuf ilmaan hiyyeessaa fedhii isaaniin ala dirqiin ukkaamsee teessoo barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf bobbaasaa kan oolu murni faashistii PP, akka inni yaade ta’uufii diduun kaayyoo cubbamaa sirnichaa gananii hidhannoo guutuun loltoonni sirnichaa WBO’tti harka kennachuu heddummeessanii jiraachuun ni beekama.

