• Wed. Jan 14th, 2026

Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti gubaatii manneen jiraattotaa irratti waraana faashistii PPn itti fufe

Mar 18, 2025

ONM-ABO Bitootessa 17, 2025 

Bitootessa 15, 2025 Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa naannoo mana Amantaa Ortodoksii Takilahaayimaanot jedhamuun beekamu keessatti nama maqaan isaa Obbo Abbee Bagizoo Siidaa jedhamu manni isaa waraana maafiyaa PPn meeshaalee manicha keessaa hunda waliin gubatee barbadaa’uu jiraattonni onichaa ONM’f eeranii jiru.

Akka jiraattonni bakkichaa jedhanitti ilmaan Oromoo yakka dalaganiif osoo hin taane waraanni sirnichaa Oromummaa qofaan hadheeffachuun hiraarsaa jiraachuu himuun, namni manni isaa jalaa gubate kunis hirmaannaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’uu itti dabaluun gabaasan.

Lellisaa sirna moofaa Milinikiin kan ta’e, faashistichi abbaa irree koloneel Abiy Ahimad qe’ee ilmaan Oromootti waraana barcuma aangoo isaa qofa tiksan leenjisee bobbaasuun guyyuu afaan qawween doorsisaa fi dararaa garaa garaan uummata gidirsaa jiraachuun isaa ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading