ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Loltoonni murna Bilxiginnaa lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu dadhabuu isaanii guutummaatti kan hubatan karaalee ittiin kiyyoo isaanii keessa galchatan barbaaduun maqaa maatii qabsaa’otaa fi hariiroo waliin qabdu jedhuun hawaasa nagaa yakkanii hidhuu, saamuu fi ajjeesuu cimsanii itti fufuun tibbana bifa haarawaan Baha Shaggar aanaalee Dugdaa fi Booraa keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa jiraattota irratti raawwachuu ONM odeeffateera.
Aanaalee Dugdaa fi Booraatti jiraattonni hedduun yakka homaa harki isaanii keessa hin jirreen shakkamanii manneenii fi qabeenyi hedduun jalaa manca’aa kan jiru yoo ta’u, keessattuu maatii qabsaa’otaa fi namoota ollaa akkasumas gandoota keessa jiraatan keessatti kabajaa fi jaalala hawaasaa qaban irratti xiyyeeffachuun kaadiroonni Bilxiginnaa ba’aa fi gala dhorkuun guyyaatti saamichaa fi gubaatii manneenii akkasumas hidhaa akka irratti raawwachaa jiranis ibsameera.
Akka jiraataan aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa tokko yaada isaa ONM’f qoode himutti waraanni maafiyaan PP maqaa sakattaa WBO’n yeroo bobbaafamaa jiranitti miseensa maatii keessanii kanneen WBO keessa jiran hin galchitan taanaan kan isin eeggatu du’a qofaadha jechuun doorsisaa fi dararaa raawwachaa jiraniin cinatti manneen keenya gubuun qe’ee keenyas onaa taasisaa jiru jechuun dubbata.
Keessattuu humnoonni milishaa naannoo keessa beekanis jibbaa fi hinaaffaa namoota dhuunfaa irraa qabanii fi qabeenya ollaa waliitii qaban irratti xiyyeeffachuun addatti maqaa siyaasaan yakkisiisanii uleedhaan namoota dhaansisuun cinatti ajjeechaa lubbuu namoota qulqulluu irratti raawwachaa jirus jechuun itti dabaluun jiraataan kun himee jira.

